H/Abdulqadir sh/Ahmad sh/Fato

 

      Jalqabni dubbii maqaa Rabbii Rahmata qabuutiin

Nama Bakka Ardha islaamni Biyya itiyoophiyaa gaye kanaaf shoora guddaa taphate, akkasuma hoogganaa maatii isaanii irraa jalqabanii, firoottan,Naannoo isaaniirraa  hanga Biyya isaaniitti qaamaa fi qalbiin hooggananii,ijaaraa turan, Even islaama adduniyaa guutuu ijaaruuf tattaaffiin isaan taasisan laafaa miti. hanga jireenya du'a boodaatti akka isaan fayyadee namoonnis irraa fayyadamaniif yaaduu isaanii kitaaba jahaa ol barreesuun isaaniif  ragaadha.

Namni kun H/ ABDULQADIR SHEEK AHMAD SHEEK FATOO jedhaman

H/ Abdulqadir Sheek Ahmad Sheek fatoo eenyu?

Gabaabinaan waa'ee Dhaloota isaaniirraa yoo kaafne Eddoon isaa itti dhalatan

Dachii Afrikaa biyya ityoophiyaa Naannoo Oromiyaa Godina baalee bahaa Aanaa gindhiir ganada bonayyoo kan yeroo ammaa harawa misra jedhamutti,Abbaa isaanii kabajamaa Sheek Ahmad sheek fatootiitii fii haadha isaanii hayyittii haadha jagnaa ta taate Haawaa Haaji sa'idoo boruu irraa bara 1942 AL.A/1363 A.L.Hijratti Dhalatan .

dhugumatti biyya isaan keessatti dhalatan sanitti seenaan Namaa hedduu hin    leellifamu, keessaafuu seenaan olamaa'ota islaamaa hanga tokko erga barraahuu eegalee yeroo as kaluu kana,baroota dabran keessa islaamummaan akka shororkummaatti ilaalamaa waan turteef H/ Abdulqaadir sheek Ahmad sheek fatootis biyya seenaan namaa akkanatti hin dubbatamne keesaatti umrii isaanii irra hedduu waan dabarsaniif seenaan isaanii sirritti barraahee Hojii isaan biyyattiif gumaachaniin walgituu hin dandeenne.

Akkasuma rakkoo siyaasa garagaraarra kan ka'e keessafuu baroota kurnan dabran dura biyya san keessatti seenaa dhugaa dhoksuu,nama dhuga afaan qabuu fi dhabamsiisuun haga yeroo as dhihootti aadaa baratamaa ture.

 baruma hunda jireenyi gadadoo fokkotaan haaluma walfakkaataadhaan yeroo hedduu biyyuma tanaratti akka hin deddeebine Rabbi kadhanna.kanaaf seenaan beektota hedduu akka dubbatamuuf carraaqii barbaachisu godhuun dirqama islaama hundaati.

Gara waa'ee H/Abdulqaadir Sheek Ahmad Sheek fatoo yoon dhufu

Waa'ee isaanii barreessee fixa yoon jedhe qalamatu na hanqata,yerottu natti xiqqaata,

Baldhinaan seenaa isaanii haga tokko kitaaba ilmi isaanii seeyfuddiin Sheek Abdulqaadiriin barraahe kan "SUNSUMA SADEEN seenaa Olamaa'ota Go/B/B/Aanaa Gindhiir" jedhu fuula 78 maxxansa 1ffaa kan bara 2019 A.L.A maxxanfameerraa argachuu ni dandeettu.

Ammatti Wantoota jajjaboo isaan hojataniifii isaanirraa barachuu dadeenyu muraasa waliin ilaalla.

ü H/ Abdulqaadir Yeroo barnoota shari'aatiif manaa bahan umriin isaanii        xiqqeennarraa wanni isaan    gurmuu irratti fannifatan kaliixaan (wanni akka borsaatti dur kitaaba keessa kaayatanii gurmutti fannifatan) akka isaan himanitti fixeensa (marga) keessa irraa harkifachuu turte.

ü Biyya keessaa fi biyya Alaa dabalatee Aalimoota diydamii fi lama (22) ol irraa ilmii (beekkumsa shari’aa )baratanii akkasuma waggaa kudhanii fi saddeetii (18) ol barumsa (ilmii shari’aa) keessa turan

ü Yeroo ammaa Namoonni isaanirraa baratanii sadarkaa barsiisummaarra gayan diydamaa (20) ol ni tahan.

ü jiruu isaanii keessatti yeroo kudha lamaa (12) ol Hajjii dhaqan.

ü islaamaa tahee Nama "laailaaha ilallaahu Muhammadun Rasuulullaah" (S.A.W ) jedhu akka hin kafarsiifne ilmaan isaaniitiin, ragaa naa tahaa fuula Rabbiittillee jedhaniinii  osoo lubbuun jiranii amaanaa dhaamatan.

ü Bakka deeman irra heddutti waa'ee Tokkummaa islaamaa akkasuma ilma namaa tokkollee jecha hamaan darbachuurraa akka of qusatan irra deddeebi'uun namoota barsiisaa turan

ü Aqiidaa keessatti ilaalcha isaanii osoo lubbuun jiran kitaaba ifii barreessn kan "Raf'al Astaar Ammaa Aleyhi Ahlu ssunnati wal jamaa'atul Akhyaar" jedhu keessatti barreessan.

ü Afaan Arabaa qofaan sharhii Arba'iinaa dabalatee  kitaaba shanii(5) ol barreessan.Sharhii (Hiikkaa Hadiisa Arba'iina Annawawii) sheek Muhammad saalih Al useeyminitti aansee shantamii afraffaa (54ffaa) barreessan.

ü Gaafilee islaama keessatti falmisiisoo tahan jajjaboo kudhanii(10) Oliif  Afaan arabaatiin akka furmaataatti kitaaba tokko guutuu dhimmuma sanirratti barreesaanii walitti qaban.

ü Waggaa lamaaf(02) perezdaantii Gummii dhimmoota islaamummaa Oromiyaa tahanii hoogganuun,hanga makiinaa lama yeroo hooggansa isaaniitti bichisiisuufii dandayan, boodarra haga gaafa majlisa gadi dhiisaniitti Sadarkaa majlisa fediraalaatti itti gaafatamaa kutaa "da'awaa fi beekkumsa diriirsuu" jedhurra turuun tajaajilaa turan.

ü Yeroo jalqabaatiif namni osoo majlisni islaamaa angorraa hin geggeessin fedha ifiitiin angoo gadi dhiise isaan dura hin turre, sababni angoo majlisa islaamaa kan fediraalaa gadi dhiisuu isaanii yeroo sanitti firqaan (gareen)Ahbaash jedhamtu biyya lubnaan irraa deeggarsa mootummaa itoophiyaa  yeroo san jiruutiin deeggaramuun gara biyya keennaa dhuftee ummata islaamaarratti dhiibbaa geggeessaa waan turteef akka majlisaattis firqaa tana waliin hojjatuuf yeroo sanitti waan nama dirqisiisaniif isaan ammoo garee saniin waan heddurratti waan walii hin galleef Amajjii 14 bara 204 A.L.H xalayaa "fedha kiyyaan angoo gadi lakkisee jira"jedhu gara mana maree waliigala dhimmoota islaamummaa itoophiyaatti barreessan.

ü biyya teenna bakka bu'uun Adduniyarra naannawanii fatwaa kennuu turan,keessaafuu biyya keenya keessatti naannoolee itoophiyaa hundarra deemuun  waldhabdee islaama jiddutti uumamte furuun gahee leencaa bahuu isaanii waan namuu haaluu miti.

ü Bara jireenya isaanii sanitti Saahiboonni H/Abdulqaadir wajjiin hojjatan Sheek Abdulqaadir Sahaabaa jechuunii turan,hojiin isaanii hedduun hojii sahaabaa waan fakkaatuuf.

ü Nama akkaan zikrii heddummeessuu fii even yoo dhukkubsataniyyuu kitaaba dubbifnaan ykn namni waa'ee diinaa Rabbii itti haasawu dhufnaan wanni dhukkubu sun itti wayyawuudha.

 

ü Godina B/Bahaa M/Gindhiiritti Yeroo duraatiif Nama Mana kitaaba islaamaatii fi barnoota hammayyas if keessatti hammatu ijaaruudhaan barattoota,olamaa'otaafi beeytota naannawa san jiraatan fayyadamaa taasisaniidha.

Wantoonni ajaa'ibsiisoon isaan hojattan ykn isaanirraa barannu lakkawamee waan hin dhumneef dabalata karaa website http://Abdushafi-lahiq.blogspot.com kanaatiin nu hordofaa

By Abdushafi H/Abdulkadir (laahiq)

 

Comments

  1. Maashàa Allah Rabbiin irraa Haa jaalatu.
    Namatu seenaa dagata malee seenaan nama hin dagatu nutis nama seenaa dalaguu nu haa godhu

    ReplyDelete

Post a Comment